3 min

Sareen guddifattan ollaatti isin jelaa galtee beektii‪?‬ Reality talk show

    • Personliga dagböcker

Sareen guddifattan ollaatti isin jelaa galtee beektii?
Dur saree muraasa qabna turre. Isaan keessaa tokko maqaansaa "Maaftuquu" kan jedhamutu ture. Harkumaan isa guddifneetu, ollaaf laanne. Ollaatu somba guyyuma lamaan tokko kenninaaniif haratee achitti gale. Akkuma cira nun beeknee ta'uutti ka'e. Keenya, mana keenyatti guddate. Garuu, ollaadhaaf qalamee fi jaljeessa midhaanirraa eega. Halkanimmoo, eenyuun haa ta'u, numa warra isa guddises dabalatee, yoo nuti karaa ollaa sana dabarre, isaaniif duta; saruma guddifnetu sombaaf jedhee nutti duta. Jerri maqaasaallee hin geeddarre. Gaafa nuti waamnu, yoo baay'ate eegeema raasee dhiisa. Somba bare.

Ormoo silaa ormaa, gaaf tokko akka yeroo jalqabaa ta'uufii didee huuqqachuutti ka'e. Baajati sobaa, kan sombaa sun akka durii ta'uu dide. Silaa sareen qaanii maalitti beektii mitii, lolloqaa dhufe. Balbalaa gaafa aabbaan banee gadi bahu, eegee lus godhee, mataa gad qabatee miila jela ciise. "Waa jiraa haa nyaatuu; deebi'ee dhufee Maaftuquun?" jedhe.

Aayyoonimmoo, "nuti somba irraa hafaas soba guyyaa saafaas hin qabnu. Lafuma turetti haa deebi'u" jettee utuu afaanii hin fixin immoo, garaan haadhaa laafaadha, maxinooma qabnu tokko itti darbatte. Sallaq godhee, quuffatee, xiqqoommoo turee ollaatti deebi'e. Ollaan, eessa turte jedhanii of biraa kollolleessanii ari'an. Ittuu garaa itti jabaachuutti ka'an. Akka duraanii maaltu isa amanaree...

Eessa dhaqaree, ammas qaanii malee deebi'ee dhufe. Waanuma argate nyaatee, utuu olii gadi labuu, utuu ganda keessa luffisuu, gaaf tokko afaan waraabessaa bu'e. Maaftuquun akka maqaa hin taane; irbaata furdaa barbaachatu irbaata furdaa waraabessaa ta'e. Galgalli namaa akka galgala saree keenya Maaftuquu hin ta'in...