10 episodi

RSWOn akeeka qabsoo kan Oromiyaa Walaba, Saba Oromoo Bilisa, Mootummaa Birmaduu Oromoo fi Oromiyaa deebisanii gad-dhaabuuf godhamuu dhaadhessa.

VIO-SWO Moa Buba

    • News

RSWOn akeeka qabsoo kan Oromiyaa Walaba, Saba Oromoo Bilisa, Mootummaa Birmaduu Oromoo fi Oromiyaa deebisanii gad-dhaabuuf godhamuu dhaadhessa.

    Duumessi hin haguugu

    Duumessi hin haguugu

    Duumessi hin haguugu

    • 4 min
    Obsimee - Instrumental Music

    Obsimee - Instrumental Music

    Obsimee - Instrumental Music

    • 6 min
    Kurfii RSWO - Kamisa Onkoloolessa 14, 2021

    Kurfii RSWO - Kamisa Onkoloolessa 14, 2021

    Duula duguuggaa sanyii, garee Faannoo jedhamu, akkasumas, Milishootaa fi Hawaasa Naannoo Amaaraan, Konyaa Matakkal, Ona Dibaax, Ganda Gaalessaa keessatti, Roobii kaleessaa (Onkoloolessa 13, 2021) Uummata Oromoo irratti banameen, aayyoo deessee ulmaa jirtu dabalatee, Oromoonni jaha (6) haala suukanneessaan ajjeefamuu.

    Duula duguuggaa sanyii, Dilbata Onkoloolessa 10, 2021, Konyaa Baha Wallaggaa, Ona Giddaa Kiiramuu, Magaalaa Haroo keessatti, humna Faannoo jedhamuu fi saba Amaaraa kanneen bakkas jiraataniin, Uummata Oromoo irratti banameen, lubbuun Oromoota kudha-sagalii (19) gaaga'amuu.

    Akkasumas, kanneen Ganda Caffee Guddinaa irraa buqqa'an dabalatee, Oromoonni baay'inaan Kuma-Kudhanitti tilmaamaman qe'ee ofiirraa buqqa'uu; qabeenyi qarshii Kitila-dhibbaatamatti shallagamus saamamuu fi barbadeeffamuu.

    Guyyoota lamaan kana ammoo, duulli  kun, gara Onoota Konyaa Baha Wallaggaa keessatti argaman, kanneen akka: Guutoo Giddaa fi Amuruutti babal'achuun, Ona Guutoo Giddaa, iddoo Mandaraa 24 jedhamuun waamamutti, Oromoonni baay'inaan Shantama (50) ta'an, humnoota Finxaaleyyii Amaaraatiin ajjeefamuu.

    Boobii harkaa qaamota MKIIn, Konyaa Qeellem Wallaggaa, Ona Jimmaa Horroo, Magaalaa Jimmaa Horroo keessatti, mana jireenyaa isaanii irratti darbatameen, Haati-warraa (Aadde Masarat) lubbuun darbuu, Abbaan-warraa (Obbo Ayyaanaa Hordofaa) ammoo madaa'uun, wal'aansaaf gara Hospitaala Gimbiitti geeffamee jiraachuu.

    • 27 min
    Kurfii RSWO - Dilbata Onkoloolessa 10, 2021

    Kurfii RSWO - Dilbata Onkoloolessa 10, 2021

    Dhukaasa Oromoota Jimaata Onkoloolessa 8, 2021, Konyaa Gujii Bahaa, Ona Gumii Eldalloo, Ardaa Qaallittii keessatti, Irreeffannaaf bobba’an irratti, LMKIIn banameen, Sirni Irreechaa sun goolamuun addaan bittinneeffamuu; Oromoonni Irreeffachuuuf ba’an muraasnis achi-buuteen isaanii hanga guyyaa har’aatti kan hin beekamin ta’uu.



    Ajjeechaan qabata deggersa WBOtiin, Uummata Oromoo irratti, keessattuu, dargaggoota Oromoo irratti fuuleeffachuun, LMKIIn raawwatamu, Konyaa Lixa Wallaggaa keessatti,  akka-malee hammaatee jiraachuu. Haaluma kanaan, Onoota Konyaa Lixa Wallaggaa keessatti argaman kanneen akka: Aayiraa, Ganjii fi Sayyoo Noolee keessatti, yeroo dhihoo asitti, dargaggoonni Oromoo baay'inaan 17 olitti tilmaamaman ajjeefamuu.

    • 28 min
    Sagantaa RSWO - Kibxata Hagayya 31, 2021

    Sagantaa RSWO - Kibxata Hagayya 31, 2021

    Lola hidhattoota Naannoo Affaarii fi Naannoo Amaaraan Oromoo Walloo irratti guyyoottan sadeen darban bifa haarayaan banameen, Oromoonni Walloo sagal (9) Ona Harxummaa Fursee keessatti ajjeefamuu; kanneen baay'inaan sanaa ol ta'an ammoo madeeffamuu.

    "Shanee fi Juuntaa waliin balleessina" jedhamuun, leenjii 'Gaachana Sirnaa'n moggaafame akka leenji'aniif, Uummanni Oromoo hidhattootaa fi dabballoota MKII'n, Konyaa Jimmaa fi Bunnoo Beddellee keessatti dirqisiifamaa jiraachuun wal-qabatee, keessattuu, Maanguddoonnii fi Hawwan Oromoo gidirfama hamaa madachaa jiraachuu.

    • 35 min
    Sagantaa RSWO - Dilbata Adoolessa 25, 2021

    Sagantaa RSWO - Dilbata Adoolessa 25, 2021

    Milishoonnii fi Loltoonni MKII, kanneen humna Mootummaa Naannoo Tigiraay (ABUT) waraanuuf kutaalee Impaayerattii garaagaraa keessaa gamasitti bobbaafaman danuun hidhannoo isaanii gatuun, gamisnis hawaasa naannootti gurgurachuun, baqachaa jiraachuu. Loltoota kanneen keessaa kanneen qabaman, kaan qaamotaa fi loltootuma MKII’n battala ajjeefamuu; kaanis to’annoo jala galfamuun miliqfamuu.

    Waraana garee humnoota Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa, gam-kaaniin immoo, humna Mootummaa Naannoo Tigiraay (ABUT) gidduutti geggeeffamaa jiru irratti, gara garee humnoota MKII fi Mootummaa Naannoo Amaaraa goruun humna Naannoo Tigiraay akka waraananiif jecha, Oromoonni Walloo dirqamsiifamuun gamasitti geeffamaa jiraachuu.

    Haaluma kanaan, Oromoonni baay’inaan 50 olitti tilmaamaman, Roobii Adoolessa 21, 2021, Magaalaa Baateetti walitti qabamuun Buufata Poolisii Ona Baatee keessa erga bulfamanii booda, borumtaa isaa konkolaataa lamatti fe'amuun gara mooraa leenjii waraanaa Xiixaa jedhamuutti geeffamuu.

    Maanguddoon Oromoo, Obbo Addunyaa Amantee, WBO gargaarte jedhamuun, Giddu-gala Oromiyaa, Lixa Shaggar, Ona Gindabarat keessatti hidhamuun dararamaa erga turee booda, Kamisa Adoolessa 22, 2021 mana hidhaa san keessaa baafamuun ajjeefamuu, sirni awwaalcha isaas Sanbata kaleessaa, Ona Gindabarat Ganda Gammadaa jedhamu keessatti kan raawwatame ta’uu.

    Gama biraatiin, hidhaa fi dararaan Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan Uummata Oromoo irratti maqaa gargaarsa WBO’n raawwatamu, Ona Gindabarat keessatti akka hammaatetti itti-fufee jiraachuu.

    • 33 min

Top podcast nella categoria News

La Zanzara
Radio 24
Non hanno un amico
Luca Bizzarri – Chora Media
Il Mondo
Internazionale
The Essential
Will Media - Mia Ceran
Stories
Cecilia Sala – Chora Media
Start - Le notizie del Sole 24 Ore
Il Sole 24 Ore