Hpelsocio Podcast

Hasen Mh Hassen
Podcast de Hpelsocio Podcast

Kuunii sagalee abbaa alangaa godina jimmaa kan tora interneetii irrattii tamsaafamuudhaa. Tamsaasa fm WAAGJ kallaattidhaan hordoofuuf linkii www.mhaagj.org jedhuu fayyadamuu ykn Google jalattii Jimmaa Attorney FM jechuun search goochun Sagalee Abbaa Alangaa Godina Jimmaa kenya dhageffachuun baasii tokkoo malee boohartidhan bekkumsa seeraa kessan gabbifachuu dandeessuu. ይህ የጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅህፈት ቤት የFM ድምፅ ነው። ስርጭታችንን ለማዳመጥ የፅፈት ቤቱን ኦፊሴላዊ ድህረገፅ www.mhaagj.org በመጠቀም አልያም በጎግል Jimmaa Attorney Fm ብለው በመፈለግ ያገኙናል። ስርጭታችንን በማድመጦ እየተዝናኑ የህግ አውቀቶትን ያዳብራሉ። Jimma Attorney FM is a podcasting service.

  1. 20/05/2023

    Olmaa dhadachaa

    Irraa Haa Barannuu. -----⚖️==== godina jimmaa bulchinsa magaalaa jimmaa ganda mantinnaa iddoo addaa bufata xiyyaaraa abbaa jifaarittii mooraan isaa eggumsaaf jecha meshaa gatii qaalii taen nageenya xiyyaara qubatuufii balali'uf jecha akkasumas nagenya waa maraa dhabbatich kessattii argamuuf kan taasifamuuf turee. Haa ta'u malee himatamaan maqaan isaa Sabsiboo Tijjaanii AbbaaGiddii jedhamuu Gaafa guyyaa bitotessa 29 bara 2015 halkan keessaa sa'atii 10:00 yommuu ta'u sibila dallaa angil ayiranii jedhamuu bay'innii isaa lama ta'e tilmaama qarshii kuma kudhan baasuu qabenyummaan isaa kan bufata xiyyaaraa abbaa jifaar ta'e iddoo dhaabbatee buqqifatee deemee. Namnii kuni sibila kana haatee fudhachuun sharaadhaan erga maree booda gurguruudhaaf yommuu deemuu qaamoolee nageenyaatiin harkaaf harkattii qabamee erga irrattii qulqullaa'een booda himata waajjira abbaa alangaa godina jimmaatin mana murtii ol'aanaa godina jimmaattii gaafa ebla 15 2015 himatamaa kana irrattii dhihaateen himatamaan seera yakkaa bara 1996 bahee kewwata 669 (3)b irra darbuun badhaadhina hin mallee arggachuuf jecha yakka haannaa cimaa rawwateen himatamee. Haaluma kanaan himatamaan mana murtii ol'aana godina jimmaa dhihaatee enyummaan isaa erga qulqullaa'ee booda yakka ittii himatamee afaan isaaf galuun dubbifameefii mormii sadarkaa duraa kan hin qabnee ta'u erga ibsee booda himannaa dhihaatee irrattii jecha amantaaf waakkii keenneen ani meeshaa jedhamee lafarraa argadhe jedhee waakkatuus ragaa sanadaa fi ragaan namaa abbaa alangaatiin dhihaatee himatamaan yakkicha raawwachuu isaa waan irrattii mirkaneessaniif himatamaan ragaa ittisaa yoo qabaatee akka dhiheeffatuu dhaddacha yakkaa mana murtii ol'aanaa godina jimmaatin ajajamuus himatamaan ragaa ittiisaa kan hinqabnee ta'u waan ibseef mannii murtiichaa dhaddacha caamsaa 7 2015 oleen murtii balleessuummaa fi adabbii yakkamaa fi fakkaattoota isaa barsiisuu hidhaa cimaa woggaa afuriifi ji'a shaniin adabeera. Irraa haa barannuu. Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa

    4 min
  2. Sagantaa FM Podcast WAAGJ sadaasa/10/2015 sagantaa odeessaafi hubannoo seeraa sirbota alibirra

    18/11/2022

    Sagantaa FM Podcast WAAGJ sadaasa/10/2015 sagantaa odeessaafi hubannoo seeraa sirbota alibirra

    Hordooftootaa fi dhaggeeffattota FM waagj sagantaa kenya har'atin sagantaalee odeffannoo fi sagantaa hubannoo seeraa isin biraan genya sagantaa odeessaaletin Odeessalee kenya har'aatin --- Waltajjii Leenjii fi Mari Gamaggama Karoora Raawwii Hojii kurmaana 1ffaa waajjira abbaa alangaa godina jimmaa sadaasa sadifii afur guyyoita lamaaf taasifamee haala gaaridhaan golabamuu isaa. Himatamaan Birhaanuu abbaa jabal jedhamu yaakka ajjechaa cimaa godina jimmaa aanaa qarsaattii raawwateen hidhaa cimaa woggaa kudha saddetiin adabamuu isaa Himatamaan Naim   jedhamu yaakka ajjechaa cimaa godina jimmaa aanaa sigimoottii raawwateen hidhaa cimaa woggaa kudha jahaan adabamuu isaa isinittii himna nu wajjin turaa jeechaa gara oduu balinnaatti tarraa. --- Waajjira A/A Godina Jimmaattii Waltajjiin lenjii fi Marii gamagama karooraa raawwii hoojii kurmaana 1ffaa har'a Sadaasa 3 2015 kan jalqabamee yommuu ta'u, sagantaa har'aatin leenjiin hubannoo seeraa abbootii alangaa godina kenyaaf kennamaa jira. Bu'uruma kanaan waaree duura leenjin ijoo Rakkoowwan Qorannaa, Himannaa, Falmii Dhaddachaa fi Komi ol'iyyataan wal qabatee akka godina kenyaattii mudatan adda baasuun lenjii gahaa ta'e abbaa alangaa Godina Jimmaa kan ta'an Obboo Addisuu Taddasaatin kan kennamee yommuu ta'u dabalataanis Dambii Qajelfama namusa Abbootii Alangaa wal qabatee Abbaa Alangaa Waqjiraa Addunyaatii waree dura kennamee jira. Olmaa waaree boodaatin ammoo Lenjiin Dhimma Qorannaa Yakka malaammaltummaa fi taksi Abbaa alangaa Obboo Lammeessaa Asaffaatin akkasumas lenjiin Qorannaa fi Himannaa yakkoota balaa tiraafikaa irrattii obboo Addisuu Asaffaatin Lenjiin gadi fagaataa ta'ee kennamee, Abbotii Alangaa hirmaattota Waltajjiichaatin mariin ho'aa ta'ee irrattii taasifamee jira. Dhuma irrattis Ittii Gaafatamtuu Waajjira Abbaa alangaa Godina Jimmaa kan ta'an addee Zahaara Muhammedin leenjii waligalaa Karoora RBM irrattii kennamee olmaan har'aa xumura argatee jira. Waltajjichi  sadaasa 4 2015 sagantaa leenjii Jecha amantaaf waakkii irrattii hundaa’e murtii balleessummaa kenamuu: seeraafii hojimaata Godina Jimmaa wal bira fidun abbaa alangaa obboo Addisuudhaan kan dhihaatu fi akkasumas gabaasa rawwii kurmaana 1ffaa bara 2015 anaalee shanin kan dhihaatuu yommuu ta'u gabaasa dhihaatee irrattiis Waltajjiin irratti kan mari'atu ta'a. Xumura irrattis kallattiin hojii gara fulduraa ittii gaafatamtuu wajjirichaa addee Zahara Muhammedin kahamee sagantaan waltajjii guyyaa lamaa golabame jira. Gara odeeffannoo lammaaffaatii yoommuu tarruu   _____________🏛⚖️🏛-------------------- Himatamaa Birahaanuu abbaa jabal jedhamuu yakkaa ajjechaa cimaatin addaabbii hiidhaa ciimaa woggaa 18tin adabameera Himatamaan Birhanuu A/Jabal jedhamuu yakka ajjechaa cimaa raawwachuu isaatin Mana murtii ol’aanaa Godina jimmaattii himannaan irrattii banamee murtii adabbii hidhaa cimaa woggaa kudhasaddetin adabamee jira. Tarreen himannaa abbaan alangaa godina jimmaa dhihhessanis kan armaan gadii turee Himatamaan Birhaanuu Abbaa Jabal jedhamuu seera yakkaa bara 1996 bahee keewwata 539 (1) jala darbuun nama ajjesuuf ittii yaadee gaafa guyyaa 22/12/2014 halkaan keessa tilmaamaan sa'atii 9:00 yommuu ta'u Godina jimmaa aanaa qarsaa sumee naannoo dayyaasaa jedhamuutti midhamaa dhunfaa ol'anaa hayilee jedhamuu waldhabdee duraan qaban haaloo bahaachuf jecha midhamaan bakka rafee jiruuttii gajaraadhaan cicciree ajjesuu isaatiin  yakka ajjechaa cimaatin kana himatamee yommuu ta'u mannii murtii ol'anaa godina jimmaas bitaaf mirga wal-falmisiisuun himatamaan yakka ittiin gimatamee raawwachuu isaa waan mirkaneeffateef murtii balleessuummaa fii murtii adabbii isaafii fakkaattoota isaa barsiisuu danda’u hidhaa cimaa woggaa 18tin adabee jira. __   Odeessaa sadaffaatin 🏛⚖️Murtilee barsiisoo Kurmaana Lammaaffaa keessatrii  murtahaan.⚖️🏛 ~~🏛⚖️Murtii Barsiisoo lammaffaa⚖️🏛~~ >>>>🏛⚖️Yakkaa Ajjeechaa Cimaa⚖️🏛 ______

    2 h y 27 min
  3. Sagantaa fm waagj 21/07/2014

    29/03/2022

    Sagantaa fm waagj 21/07/2014

    akkuma bekkamuu waajjirrii abbaa alangaa godina jimmaa dhaqabamummaa seeraa mirkanessuufii hawaasa kenyaaf huvannoo seeraa umuudhaaf hojii daran ol’aanaa ta’e hojjechaa jiraachuu Kenya ragaan innii hangafaa isin dhaggeffattootni sagalee fm waajjira abbaa alangaa godina jimmaa ta’u kessan mamii waan qabuu miitii. hordooftoota fm waagj har’a dhagettanif sagaleen fm waajjira abbaa alangaa godina jimmaa websaayiti ofiselawaa wajjira abbaa aangaa godina jimmaa dabalatee dhaabbilee tajaajila fm kennun akka adunyaattii sadarkaa 1ffaa hanga 20 jiran hunda irrattii kan tamsaafamuu ta’u isin beeksiisna. haaluma kanaan tamsaasa Kenya hundumaa Dhaabbilee beebbekamoo kan akk fm apple podcast, itunesn spotify, amazon, radio public, google podcast fi kkf jalattii nu argachu kan dandessan yommuu ta’u tamsaasa Kenya dhageffachuuf waagj fm ykn jimmaa attorney fm jechuun google gochuu qofaadhaa. sana booda tamsaasni Kenya waebsaayiti wajjira kenyaa dabalatee marsaritiilee 20 caalan jalattii isini waan dhufuuf akka feedhii kessanii filachun tamsaasa Kenya dhageffachaa hubannoo kessan gabifachuu dandessuu yommuu isinin jeennuu qophilee Kenya haala nama boharsiisuun qindessinee waan isini genyuufii. visit Sagalee FM Waajjira AA Godina Jimmaa. Jiimma Zone Attorney FM Podcasting Site  https://waagjfm.mhaagj.org/  dhaggeffattoota Kenya wa’e fm waagj hangana yoo isin jeennee gara ijoo sagantaa Kenya har’a isinif ibsuuttii sienna. haaluma kanaan  sagantaa Kenya isa har’atin qophi hubannoo seeraa walta’insa Abbaa alangaa waligala federaalaafii faanaa prodcasting corporate deggarsa maallaaqaa USAID itiyophiyaattii justice activitytin dhihaatuu kessaa sagantaa ijoo kenninsa tajaajila abukaatummaa irrattiifii labsi seera bulchinsa federaalaa dhihenyattii bahee ilaalchisee sagantaa qophaa’ee isinin geenya jecha sirba haaraa andualam goosaa Gumgumee jedhuu kana isin affeerree kallattiidhaan  qophaa’ee isinin genya nu wajjin turaa jechaa

    1 h y 2 min

Acerca de

Kuunii sagalee abbaa alangaa godina jimmaa kan tora interneetii irrattii tamsaafamuudhaa. Tamsaasa fm WAAGJ kallaattidhaan hordoofuuf linkii www.mhaagj.org jedhuu fayyadamuu ykn Google jalattii Jimmaa Attorney FM jechuun search goochun Sagalee Abbaa Alangaa Godina Jimmaa kenya dhageffachuun baasii tokkoo malee boohartidhan bekkumsa seeraa kessan gabbifachuu dandeessuu. ይህ የጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅህፈት ቤት የFM ድምፅ ነው። ስርጭታችንን ለማዳመጥ የፅፈት ቤቱን ኦፊሴላዊ ድህረገፅ www.mhaagj.org በመጠቀም አልያም በጎግል Jimmaa Attorney Fm ብለው በመፈለግ ያገኙናል። ስርጭታችንን በማድመጦ እየተዝናኑ የህግ አውቀቶትን ያዳብራሉ። Jimma Attorney FM is a podcasting service.

Para escuchar episodios explícitos, inicia sesión.

Mantente al día con este programa

Inicia sesión o regístrate para seguir programas, guardar episodios y enterarte de las últimas novedades.

Elige un país o región

Africa, Oriente Medio e India

Asia-Pacífico

Europa

Latinoamérica y el Caribe

Estados Unidos y Canadá